1 Peter 1:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woyi hin baane, waan badu ka akka meeti'iin yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi isani imbeetani, aka aada hamtu abbooti teesani iraa barattani keesaa isani bitani. Horiini suni waan hamaatatiiniti, aka qarsifi worqifa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif isan akka aadaa hamtuu abbootii teessan irraa barattan keessaa isan bitan inbeettan. Horiin isan bitamtaniin sun waan akka qarsii fi warqii badaatiiniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jireenna duwwaa abboota keessan irraa dhaaltaniif waan lufu birrii yookaan worqi'iin uduu hin taane, dhiiga Kiristoosii ka gatii gudda'aa ka akka dhiiga korbeessa muda'aa fi xurii hin qabneen akka furamtan hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jireenna duwwaa abboota keessan irraa dhaaltaniif waan lufu birrii yookiin worqi'iin uduu hin taane, dhiiga Kiristoosii ka gatii gudda'aa ka akka dhiiga korbeessa muda'aa fi xurii hin qabneen akka furamtan hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin abbootii teessan irraa ka dhaalttan jireenna tasaa irraa ka bitamtan, akkanumaan ka ta'e qarshi'iin yookiin worqqi'iin akka hin ta'in ni beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woy hin baane, waan badu ka akka meeti'iin yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan.