1 Peter 1:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan foyamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhiffame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato lafa inuumiini Waaqi isa maro teesaniifi fohate, guyya muumme kana isa mullise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo lafa hinuumiin Waaqii isa marroo teessaniif foohatee, guyyaa muummee kana isa mullise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni uduu biyyi lafaatuu hin uumaminiin dura beekkame. Haa ta'uu ammo akka amantiin keessanii fi abdiin keessan Rabbiin irra ta'u worra du'an keessaa isa kaasee ulfinna isaa kennetti waan amantaniif bara dhumaa irratti isinitti mudhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni uduu biyyi lafaatuu hin uumaminiin dura beekkame. Haata'uu ammoo akka amantaan keessaniif abdiin keessan Rabbiin irra ta'u worra du'an keessaa isa kaasee ulfinna isaa kennetti waan amantaniif bara dhumaa irratti isinitti mudhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni ka beekkame biyyi lafaa uduu hin uumaminniin duranatti yoo ta'u, amma bara muumme'ee titti waayee keessaniif mulidhatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan fowamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhifame.