1 Peter 2:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani kad'ad'a, jaalaani tiyya, ta aka keessumatiifi aka nama baqaa yau lafa tana keesa jirtani! D'araa nafa gula imbadiina, ta hojja ch'ufa lubbuuni woli haatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isanii kadhadhaa, jaallan tiyya, ta akka keessummaatii fi akka nama baqaa waan taataniif, yo lafa tana keessa jiraatan; dharraa nafaa, ta cubbuutti nama geessitu, ta yo cufa Hafuuraan wal haatu gula hinbadinaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Goshoota tiyya! biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Goshoota tiyya, biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha.