1 Peter 2:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amalii keessan warra Waaqaa hinbeennee ha dansaa tahuu, akka yo warrii hammeenna isan himatellee, hujii teessan dansaa arganii, guyyaa Waaqii dhufee nu laalu isa guddisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a.