1 Peter 2:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worra gugurda d'ibile, ka inni aka worra daba tolchu gaargalche worra waan dansa tolchu saaduufi ergele guuta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
warra gugurdaa dhibiillee, ka innii akka warra waan hamtuu tolchu gaargalchee warra waan dansaa tolchu saaduu fi ergellee guutaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
bulchaallee yoo ta'e worra hamaa hojjatan adabu'uuf worra waan mishaa hojjatan galatoonfachu'uuf mootii moototaa biraa waan ergamaniif isaanii ajajamaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
bulchaallee yoo ta'e, worra hamaa hojjatan adabu'uuf worra waan mishaa hojjatan galateeffachu'uuf mootii moototaa biraa waan ergamaniif isaanii ajajamaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bulchitoota biyyaatiif'llee ajajamaa, isaan hamaa raawwattoota adabu'uuf, worra mishaa raawwatan galateeffachu'uuf, nugusa moo'ee biraa ka ergaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a.