1 Peter 2:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka nama balchaa taa; ammo anini balcha jette waan hamtu intolchiini, aka hojattu Waaqaa taa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka nama balchaa taa, ammoo balchooma keessan golla uji hamtuu hintolchinaa, akka hojjattuu Waaqaa taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee, bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka tajaajilttoota Waaqaa ta'aatii bilisumma'aan jiraadhaa malee, bilisummaa keessan haguuggama hammeennaa hin taasisinaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a.