1 Peter 2:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo wollaala tolchitani isani d'aanani, ammo wollaala suni obsitani, maani isanii baati? Ammo yo waan qajeela tolchitani gaargala obsitani, Waaqi maro suniifi isani eebisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo wallaala tolchitanii isan dhaananii, ammoo wallaala sun obsitanii, maan isanii baati? Ammoo yo waan qajeelaa tolchitanii gaargala obsitan, Waaqii marroo suniif isan eebbisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin cubbuu hojjattanii gad qabamtanii yoo obsitan galata maal qabdan? Haa ta'uu ammo waan mishaa gootanii yoo rakkinna isin irra gaye obsitan waan kanaaf Rabbi isin eebbisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin cubbuu hojjattanii gad-qabamtanii yoo obsitan galata maal qabdan? Haata'uu ammoo waan mishaa gootanii yoo rakkinna isin irra gaye obsitan, waan kanaaf Rabbi isin eebbisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hamaa raawwattanii adabbii yoo fudhattan yoo obissitan, galata maal qabaattan? Garuu mishaa raawwattanii rakkinna yoo fudhattan yoo obissitan, Waaqa biraa galata ni argattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa.