1 Peter 2:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa isa arabsani inni taka nama inarabsine; isa gaargalchinaani inni nama tokole insodachiimne, ammo abdi ufi, Waaqa d'uga, ka d'uga gula wo qoru, gubba keyate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa isa arrabsan innii takkaa nama hinarrabsine; isa gaargalchinaanii innii nama tokkoollee hinsodachiimne, abdii ufii ammoo, Waaqaa dhugaa ka murtii dhugaa muru, irra keeyyate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa isa arrabsan deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa isa arrabsanillee deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoo arrabissaniin deebisee nama hin arrabissine, rakkinna yoo fudhatu qulqullumma'aan Waaqa murtteessuuf mataa isaa yaboo kenne malee, hin dhaadanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne.