1 Peter 2:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kristoni daba keenna maskaliti baate, aka nu dabaani doone d'ugaani jiraannu. Madaa isatiini isani fayyisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiristoon cubbuu teenna nafa ufitiin baatteetti fannootti ol ba'e; akka nu cubbuu dhumannee qajeelumaa jiraannu. Madaa inni madaa'een isan fayyitan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu, Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Cubbuu irraa fooyaminnee qulqullumma'aan akka jiraannuuf, inni mataan isaatuu foon isaatiin cubbuu keenna fannoo irratti ni baadhate, madaa isaatiin isin fayyitanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.