1 Peter 2:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, “Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba; nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Anini d'akha gati guddo qabu fohad'e, aka fiit'e mana tahu Sioni keesa kaya: Nama isa d'ugefatu tokole inch'eersani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif barreessiin, “Anin dhakaa gatii guddoo qabu fohadhee, akka dongoraa manaa ta'uu Xiyoonii keessa dhaaba. Nama isa dhugeeffatu tokkoollee hinceersan” jettu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaaba keessatti, «dhagaa bu'uura ijaarsaa filatama'aa fi ka gatii guddaa qabu Tsiyooniin keessa dhaaba. Namni isatti amanu tokkollee hin saalfatu» jedhamee barreeffameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaaba keessatti dhagaa handhuura ijaarsaa filatama'aa fi ka gatii guddaa qabu Tsiyooniin keessa dhaaba. Namni isatti amanu tokkollee hin saalfatu jedhamee barreeffameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Kunoo! Ka filatamee fi kabajamaa ka ta'e, dhagaa cabissataa Xiyooniin ni kaaya, ka isatti amanu'llee hin saalifatu» dubbiin jedhu barreeffamee arigama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, «Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba; nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu» jedha.