1 Peter 2:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ammoo sanyii foyante, hayyootaa mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ammoo gosa Waaqii foohate, qaallolee hayyuuti, gumii qulqulloo, warra Waaqaa ka akka hujii Waaqaa ta mamaa himtaniif foohatan, ka dukkana keessaa ifa isaa ta mamaatti yaaman.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin ammo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.