1 Peter 3:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma isani nad'eeni, d'iirsole teesani ch'eera, aka yo d'iirsoleeni gari dubbi Waaqa ind'ugefannele, adabi keesani Waaqati worra deebisu. Duuba ato isani nami tokoleeni woma injed'iini,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasumaa isan nadheen, akka yo dhiirsotii garii dubbii Waaqaa dhugeeffachuu baattellee adoo isan namii tokkoolleen homaa hinjedhin, adabii keessan callaan Waaqaatti warra deebisu dhiirsota teessanii ceeraa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isinillee haawwota manaa! Abboota manaa keessanii ajajamaa'a; akka kanaan gariin worra hin amannee fi worra dubbii Rabbiitii hin ajajame yoo ta'anillee sababaa jireenna haadha manaa ufiitiin booji'amanii dubbii Rabbiitii ajajamuu danda'anii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isin haawwota manaa! Abbaan manaa keessan gariin ka hin amanne yoo jiraatan akka isaan uduu womaa hin dubbanne amala haadha manaa ufiitii ajajaman akkasuma abbaa manaa keessaniif ajajamaa'a. Isaanillee qulqullinnaa fi sodaa jireenna keessan keessatti Rabbiif qabdan arganii akkasuma godhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana isin haawotiin worraa! Abbootii worraa keessaniif ajajamaa, bifa kanaan tokko tokko dubbii Waaqaa titti ka hin amanne yoma ta'an'llee, dubbii isaatiin alatti amala haadha worraa isaanii qofaan qalbbiin isaanii fudhatamu'uuf ni danda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a.