1 Peter 3:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, “Nami jiruu barbaaduu fi bara dansaa dhagguu fedhu, arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa, hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma t'aafiini jettu, Nami jireenna fed'u, ka gammadani tau fed'u, waan hamtu dubbachu himmalle, d'arale dubbachu himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessiin qulqulloon, “Namii jireenna fedhu, ka gammadaan taa'uu fedhu, ka bara dansaa arguu fedhu, waan hamtuu dubbachuu hinmalle, dharallee dubbachuu himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi ka bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, «Jireenna ka jaalatuu fi guyyoota mishaa'llee argu'uuf ka barbaadu, arrabinni isaa waan hamaa akka hin dubbanneef, hidhiin isaa'llee waan dabaa akka hin dubbanneef, haa dhooggu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, «Nami jiruu barbaaduu fi bara dansaa dhagguu fedhu, arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa, hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.