1 Peter 3:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo garaa keesani keesati Kristo guddisa Aabbo isa tolfad'a. Nama waan abdi isani ufi keesa qabdani isani gaafatu, aka iti himatani hojja ch'ufa kurfo taha. Ammo garaa laafinatifi ka ch'eeratiini tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo garaa keessan keessaatti Kiristoo guddisaa Aabbaa isa tolfadhaa. Nama waan abdii isan ufi keessaa qabdanii isan gaafatu, akka itti himatan yo cufaa kurfoo taahaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haa ta'uu ammo gara laafumma'aa fi soda'aan haa ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haata'uu ammoo gara-laafumma'aa fi soda'aan haata'uu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaa Kristosiin onnee teessanitti ulfeeffadha'aanii, lubbuu teessaniif'llee Gooftaa godhadha'aanii, waayee abddii isin keessa jirttuutiif'llee ka isin gaafatu maraaf deebii kennu'uuf, yeroo maraa qophaayota ta'aa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a.