1 Peter 3:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif Kiristoolleen namii dansaan marroo nama hamatiif du'e. Innii marroo teessaniif yoma tokkoo du'e, akka akkasiin Waaqatti isan deebisu. Nafa isaa ijjeessanii, ammoo hafuurii isaa injira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haa ta'uu ammo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammo jiraataa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristos'llee mataan isaatuu gara Waaqaa titti akka nu dhiyeessuuf inni qulqullaawomaa ta'ee uduu jiru, qulqullaawoma ka hin qabnne nu'u sababa cubbuu keennaatiin, haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko rakkinna fudhachu'uun du'ee jira, inni fooniin ni du'e, hafuuraan garuu jiraataa ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e.