1 Peter 3:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, kadhaa wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bisaani kunini waan batiso agarsiisaati, ta amma isani baaftu, t'uri nafa ira ind'iit'u, ammo kakhu qalbi dansaani Waaqati kakhataniini isani baafti. Batisooni maro kaisa Yeso Kristotiifi isani baafti,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bisaan kunin waan cuuphama agarsiisaati, ka amma isan baasu, xurii nafa irraa hindhixxuu, ammoo kakuu qalbii dansaan Waaqaatti kakataniin isan baafti. Cuuphamii marroo ka'iisa Yesus Kiristotiif isan baasa,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosiiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosii ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bishaan kun'llee amma isin ka fayyisu fakkeenna cuupha'aati, cuuphaan kun'llee xurii qaamaa dhabamisiisuu uduu hin ta'in, sammuu qulqulluu argachu'uuf kadhannaa gara Waaqaa dhiyaatu, ka isin fayyisu'llee karaa du'aa ka'iinssa Yesus Kristositiin,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.