1 Peter 3:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo mid'aagumti teesani ta garaa keesa tahinna, mid'aaguma lubbu laanafi obsa ta injaare; tunini Waaqa durati waan guddo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo midhaagumtii teessan ta garaa keessaa hataatuu, midhaagumti hafuura laanaa fi obsaa ta hinjaare; tunin Waaqaa duratti waan guddoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haa ta'uu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara-laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haata'uu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu bareedinni keessan Waaqa duranatti gatiin isaa haalaan ka ulffaatee fi faaya hin badinneen, gara laafnnaa fi hafuura ufi toowattiinsaatiin ka bareede, onnee keessatti dhokatee ka arigamu, keessa qaamaatiin haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti.