1 Peter 3:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bara durii hadhootiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqaatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seeffatteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kara kanaani nad'eeni duri ta Waaqa abdatte ufi mid'aasite, d'iirsole ufiiti ch'eerte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Karaa kanaan nadheen durii ta Waaqaa abdatte ufi midhaasitee, dhiirsota ufiitii ceerte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoonni woyyuun durii worri Rabbiin abdatan sun akkasuma abbaa manaa isaaniitii ajajamu'uun waan badhaafamaniiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartoonni woyyuun durii worri Rabbiin abdatan sun akkasuma abbaa manaa isaaniitii ajajamu'uun waan badhaafamaniiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo duraanii abddii isaanii Waaqa irratti ka gatan, dubarttoonni Qulqulluu ta'an ka bareedan bifa kanaan ture, abbootii worraa isaaniitiif'llee ni ajajaman turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara durii haadhotiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seefatteerti.