1 Peter 3:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teesan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani d'iirsoleeni, yo nad'eeni teesani woliini teetani, aka isiini laaftu beekha, tanaafi isii ch'eeruufi maltani; wonti akanatiifi isani ch'ufti woliini eeba jireenna Waaqa qabdani. Waan kana tolcha, aka wonti tokoleeni kad'acha teesani isani dura iyakine.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isaniin dhiirsotaa, yo nadheen teessan waliin teettan, akka isiin isan irra laaftu beettanii ceeruuf maltan. Wantii akkanaatiif isaniin cuftii waliin eebba jireenna Waaqaa qabdan. Akka wantii tokkoolleen kadhachaa teessan isan duraa hinyakine waan kana tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Rabbiin kadhachuun keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Faateen keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin'llee abbootiin worraa! Haawotii worraa teessaniin woliin hubanna'aan jiraadhaa, isin irra uumama dadhabddoota waan ta'anii fi isin woliin'llee jireenna kennaa isaa ka bilisaa waan dhaalaniif isaan kabajaa, bifa kanaan kadhannaa keessaniif wonitti gufuu ta'u hin jiraatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu.