1 Peter 4:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, mummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojjaani qorsuma ya geete, qaraa fiit'e worra Waaqaa qorani. Yo qara nuuni iti keyatani, worra Odu Dansa ta Waaqa ind'ugefanne maani tolchani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. ii murtiin kennamtu ya gahe, murtii tana qaraa fiixee warra Waaqaattiin jalqaba. Yo qaraa nuun itti keeyyatan, warra oduu Waaqaa dansaa hindhugeeffanne maan tolchan ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nu irraa jalqabu ta'e, worri Dubbii Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumti isaanii attam ta'inna?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nurraa jalqabu ta'e, worri Oduu Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumtii isaanii attam ta'inna?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Murtiin yeroon itti jala qabu gayee jira, murtiin'llee ka jala qabu'llee namoota Waaqaa irraan, eegaa murtiin ka jala qabu nu'uun yoo ta'e, wongeela Waaqaatiif namoonni hin ajajaminne, muummeen isaanii maal ta'inna laata?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, muummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree?