1 Peter 4:2 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Armaa achi jireenna keessan cufaan fedhii Waaqaa keessa taa'aa; dharraa nafaa lakkisaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isinillee akkasuma akka nama mi'a woraanaa hidhateetitti yaada kanaan jabaadhaa'a. Namni rakkinni irra gaye nafa ufiitiin cubbuu hojjachuu dhiiseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ammaa achitti'llee jireenna isaa ka arddiilessaa titti ka jiraatu fedhii foonii hamaa raawwachu'uun uduu hin ta'in, fedhii Waaqaa raawwachu'uun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba.