1 Peter 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudooota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqeffannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi isani ya bara heddu waan worri Waaqa imbeenne tolchu tolchitani. Jireenna keesani keesa ya waan t'uritiifi d'araa nafatiifi d'ugaati farsotiifi sabdoomafi machifi kad'acha d'ara, ta waan harkaani boch'ani, gula yaatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif isan ya bara hedduu waan warrii Waaqaa hinbeenne tolchu tolchitan. Jireenna keessan keessa ya waan xuriitii, dharraa nafatii, dhugaatii farsotii, sabdoomaa, machii fi kadhachaa dharaa, ta waan harkaan bocanii, gula yaatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol hoossu'uuf, hawwiin foonii machaayuu'u, sirbuu, akka malee dhuguu'u, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa waaqeffatuun barri akkasii sun isin gaya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol qirqissu'uuf, hawwiin foonii machaayyuu, sirbuu, akka malee dhuguu, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa kaddaamuun barri akkasii sun isin gaya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne akkuma raawwatan gad dhiifamaan, hawwii sagaagalaatiin, machi'iin, gammachuu haga dhabeen, haga malee dhuganii sirbbu'uu fi jibbisiisaa ka ta'e waaqeffannaa Waaqa harkaan hojjatameetiin, barri dabarssitan ni gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya.