1 Peter 4:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Muummeen waan maraa dhikaateerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Muummeeni waan ch'ufa ya d'iaatte. Tanaafi ufi tissitani kurfo tau maltani, aka Waaqa kad'attani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Muummeen waan cufaa ya dhi'aattee; tanaaf akka Waaqaa kadhattanii, ufi tissitani kurfoo taa'uu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a; uf qabaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a.