1 Peter 5:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini jaarole gumi ta jiddu teesani jirtu kad'ad'a, anileeni jaarsa. Anini gaargala Kristo ila tiyyaani arge, duuba guddinna eegi tana mullisani qooda keesaa qaba. Anini isani kad'ad'a:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anilleen jaarsaa, anin isan kadhadha, jaarrollee gumii ta jidduu teessan jirtuu kadhadhaa. Anin gaargala Kiristoo ila tiyyaan argee, duuba guddinna eegii tanaa mullisan qooda keessaa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u, qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa.