1 Peter 5:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo eegii isan bultii diqqoo tokko gaargaltan, Waaqii eebba cufa, ta akka guddinna Kiristoo waliin qoodattanii isan yaame, isan qixxeessee, jabeenna isanii kennee, yayyaba jabaa isanii midhaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa inninuu guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jajjabeessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.