1 Peter 5:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'atitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini tatabe diqo tana qarqaarsa Silwano, ka anini aka oboleesa d'uga heregad'utiini, t'aafe. Anini isani jabeesu fed'a, ammalle aka eebiti Waaqaaqaaqa d'uga, isaniti himu fed'a. Eeba tanaani jabaad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ergaa diqqoo tana qarqaarsa Silwaanos, ka anin akka obboleessa dhugaa herregadhuutiin, barreesse. Anin isan jabeessuu fedha, ammallee akka eebbitii Waaqaa dhugaa, isaniitti himu fedha. Eebba tanaani jabaadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Silwaanosii akka obboleessa amanama'aatitti laakkayu irraan dhaamsa gabaabaa kana isinii barreesseera; wonti isinii barreesseef isin gorsu'uuf; kun baadhaadha Rabbii ka dhuga'aa ta'uu isinii ragu'uuf jedheeti; badhaadha kanaan jabaadha'aa dhaabadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Badhaani dhaabattaniin badhaadha dhuga'aa ka Rabbii akka ta'u isin gorsa'aa, isinii raga'aa ka akka obboleessa amanamaa ta'etti isa laakkaye, karaa Siliwaanosii irraan gabaabamatti kana isinii barreesseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obboleessa amanama'a jedhee ka yaadu karaa Siilaasiitiin, ergaa kana gabaaba'atti isiniif barreessee jira, isinii ka barreesseef'llee isin gorissu'uu fi kun kennaa Waaqaa ka bilisaa dhugaalessaa ta'uu isaa isinii ibisu'uuf jedheeti, kanaaf kennaa Waaqaa ka bilisaa kanaan jabaadha'aatii dhaabadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'aatitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a.