1 Peter 5:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hooliye Waaqi isanii kenne garaa tokooni tissa, garaa lamaaniti, akuma Waaqi aka isani tolchitani fed'u. Huji teesani hori keesaa argattani ch'allaafi intolchiina, ammo fed'iini tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hooliyyee Waaqii isanii kenne, akkuma Waaqii akka isan tolchitan fedhu garaa lamaanitii garaa tokoon tissaa. Hujii teessan ammoo, waan horii keessaa argattan callaaf hintolchiinaa, fedhiin tolchaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa'a; giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti; fedha mishaa'an malee.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yabo'oon ka isinitti kenname gobbuu Waaqaa eegaa, gobbuu ka eegiddan'llee huminnaan uduu hin ta'in, bifa Waaqinni barbaaduun, fedhi'iin haa ta'u, qarshi'iif joojoru'uun uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti.