1 Samuel 1:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo maro tana Hanani worra gula indeemne. Isiini waan d'iirsa isiitiini jette, Hojja hegeri anini daima kana harma iraa kute, anini isa Mana AABBO Waaqati geesa, aka inni haguma jiru ch'ufa achi tau.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haannaan garuu hin baane isiin abbaa worraa ufiitiin, «Ani yoo daa'imni harma gu'e fidee Rabbii kenna bara jireenna isaa maraa inni achuma tura» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu'een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le'a» jette.