1 Samuel 10:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja arra na biraa deemte atini nama lama d'aatu irreesa Raeli, ka Selsa jiru lafa Benjamini keesati, argita worri waan siini jed'u, Harreeni atini barbaada d'at'e ya galte; abbe amma waan isii iyyaadu, ammo guddo si yaaduu jira. Inni hojja ch'ufa tae, ilmi kiyya ingalle, anini amma maal taha jed'e dubbata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adha yoo na biraa deemtu hulee Xeelsaa jedhamee waamamu ka bulchiinsa Biiniyaamii keessatti argamu awwaala Raaheelii biratti namoota lamaa argita; isaan harriin ati soqa'aartu waan argamteef abbee waan harriinii yaaduu dhiisee ani waan ilma kiyyaa atta godha› jedhee waan keetiif hin yaaddaya'aara siin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati adha yennaa na biraa kaatee deentu, lafa Beniyaaminii Zelzaa keessatti addee awwaala Raahelii biratti namoota lama hin dhaggita; isaan, ‹Harreeleen ati barbaaddu mudhatteerti; abbaan keetille marroo harreele'eetiif yaaduu lakkisee, marroo teetiif: Marroo ilma kiyyaa maan godhu laati? jedhee si'iif yaaddowiisatti jira› jedhanee sitti hin himan.