1 Samuel 11:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi worri ch'ufti Gilgali d'aqe, fulla woyyumati AABBO Waaqa durati, Sauloni hayyu keenna jed'ani lalabani. Sorio wold'ageeti baasani Saulofi worri Israeli ch'ufti jila tolfatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin maruu gara Gelgela'aa dhaqanii achitti Saa'oliin Rabbiin afo'otti moosisaniin; achitti ciincaa fayyumma'aa Rabbii dhiyeessan; Saa'olii fi baniin Israa'elii maruu guddisanii gammadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre kolbaan marti Giilgal dhaqanee Saa'ol mootii akka te'e Mootii Waan Maraa duratti mirkaneessane; isaan achitti kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraa duratti dhikeessane; Saa'olii fi Israa'elooti marti gammadaan firinxiixane.