1 Samuel 11:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni qotiyo lama fuud'e, qale garagari ch'ire, fooni suni nama lafa Israeli ch'ufa keesa erge waan jed'e: Nama Saulofi Samueli had'iisa gula indeemne ch'ufa qotiyo isaa akana tolchani! Worri Israeli waan hegeri AABBO Waaqi tolchu sodaate, nami ch'ufti haguma gahuni wolti bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sangoota qonnaa gala'aaruun sanniin mummuree foon isaanii hulee worri Israa'elii jiran marattuu ergamtootaan ergee «Namni Saa'olii fi Saamu'eeliin faanaa lolaaf hin baane sangaan isaan akkuma sangaa kanaa jalaa mummurama!» yaada jedhu ergamtoota ufiitiin hulee worri Israa'elii jiru marattuu erge; hennaa san baniin maruu Rabbiin sodaate; namni tokkollee uduu hin hafne maruu lolaaf bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qotiyyoota ximmaadii tokko fuudhee qalee kukkutee foon san lafa Israa'elii maratti ergantootaan ergee, «Worra Saa'olii fi Saamu'el gula hin baane, qotiyyooti isaanii akkana hin kukkutanti» jedhe. Kolbaan marti Mootii Waan Maraa sodaattee nami tokkolle adoo hin hafin tokkumma'aan baate.