1 Samuel 11:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan ergattu Yabeshitini jed'ani, Waan isani worra keesanini jettani, Bori, ato aduuni gubba ind'ufinu nyaapa keesani duraa isani baasani. Worri Yabeshi d'aamsa suni d'agaye jennaani aka male gammadani
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamtoota Iyyaabiisii dhufaniin «Boru yoo aduun oo'e nu akka isin hambifnu banii keessanitti himaa'a» jedhe; ergamtoonni sunniinillee hennaa banii Iyyaabiisiititti himan, baniin Iyyaabiisii guddisee gammade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan namoota ergamanee dhufane saniin, «Dhaqa'aatii, worra Yaabesh-Giil'aadiitiin, ‹Boru yennaa aduun o'itu bilisa hin baatan› jedha'aan» jedhane. Worri ergame sunille dhaqanee, worra Yaabeshiititti tana yennaa himane isaan gammadane.