1 Samuel 12:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini amma kunooti hojja anini wo yake, amma tana na himad'a, AABBO Waaqafi hayyu inni muude kana durati, anini taka loonifi harre yayu nama ira fud'ad'e? Anini taka nama sobe yokhaani ya dabse? Anini taka yayu gumbo nama ira fud'ad'e? Yo anini waan kana tokole tolche ani amuma tana baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani amma kunoo isin afoo dhaabadheera; mootii Rabbi dibee fi Rabbiin afo'otti mee natti ragaa'a; ani sangaa eennuu fudhadhe? harree eennuu fudhadhe? Eennuun sobe? Eennuun miidhe? Murtii qajeelaa dabsu'uuf eennuun irraa gabbarsuu fudhadhe? Waan kanniin maraa keessaa waan tokkollee yoo fudhadhee jiraadhe waan fudhadhe deebisu'uuf ani qophaayeera» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, isin dura dhaabbadheera; Mootii Waan Maraatii fi mootii inni muude duratti dhugaa na irratti baya'a. Ani qotiyyoo eennuu fudhadheera? Harree eennuu fudhadheera? Eennu sobeera? Eennu cunqurseera? Dhaggee akka hin dhagginee isi'iin te'iisaaf, eennu irraa beesee safu'uu fudhadheera? Na irratti dhugaa baya'aatii, anille adde'etti isiniif hin deebisa» jedhe.