1 Samuel 13:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jennaani Samuelini waan jed'eeni, Atini maani tolchite? Sauloni waan jed'eeni, Biyyiti na bira yau feete, atinileeni hojja baantu taani ind'ufne, suni malele worri Filisti Mikimashiti wolti bau jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saamu'eel garuu, «Wonti ati goote kun maali'i?» jedhee gaafate; Saa'olillee baniin na irraa fooyamee akka gargar faca'e; atillee waan hennaa haaganaa qabnetti hin dhufneef worri Filisxeemiillee akka Maakimaasitti wol gayan argee,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saamu'el ammoo, «Wonni ati hujje maan?» jedhee isa gaafate. Saa'olille deebisee, «Kolbaan akka na biraa bittinnowiisatti jirtu, atille guyyaa hin dhufa jettetti akka dhufaa hin jirre, worri Filisxeemotaalle Miikmaashitti akka wolitti qabamane yennaa dhagge,