1 Samuel 13:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Samuelini Gilgali kae kara ufi iti d'aabate. Biyyiti taani d'ibiini kaate, Saulo ka gara askarti isaa deemu woli yaani. Worri Gilgalini bahe, Gibea ta lafa Benjaminiti iti d'aabate. Sauloni askarti isaa ch'ufa wolti baase hede, isiini nama d'ibba jaa taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saamu'eel Gelgela'aa ka'ee deeme; baniin hafe ammo Saa'oliin faanaa gara loltoota ufii deeman; Gelgela'aa ka'anii gara Gibi'aa gara Biiniyaamii dhufan; Saa'ol banii isa woliin jiru tooyate; Saa'ol hennaa namoota ufii laakkayu haga namoota dhibba jahaa ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa lafa Beniyaamin keessaa dhaqe. Saa'olille worra isa woliin hafe laakkowe; isaanille gara nama dhibba jaa ti.