1 Samuel 13:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sauloni nama kuma sadi fohate nama kuma lama lafa Mikimashitifi lafa gaareeni ta Betheli keesati ufi birati lakise ammo nama kuma toko ilma isaa Yonathani woliini dira Gibea ka lafa gosa Benjamini keesati, erge. Duuba inni askarti taani ch'ufa worra isaniti galche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
namoota kuma sadihii worra Israa'elii keessaa filate namoonni kuma lamaa isa woliin Maakisa'aa fi gaara Beeteelii gubbaa turan; namoonni kuma tokkoo Gibi'aa Biiniyaamiititti ilma isaa Yoonaataa woliin turan; banii hafe ammo akka gara daase'ee dacha'an godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol Israa'eloota keessaa nama kuma sad file. Namooti kum lama qachaa, «Miikmaashi» jedhamu ka biyya koobittii Bet'el keessa Saa'ol woliin akka jiraatanu, kum tokko ammoo biyya Beniyaaminii qachaa Giibe'aa keessa Yonaataan woliin akka jiraatanu, worra hafe ammoo gara mana ifiititti akka deebi'anu geegesse.