1 Samuel 13:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Filisti wolti bahe aka worra Israeli had'u; worri gaari lola ka kuma sodomatifi farda kuma jaa ka nami yaabatufi askarti heddu muumme inqamne ta aka maansa afaani galaana qaba. Duuba Mikimashi ta Bethaveni ilaboru d'aqani achiti qubatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin wol lolu'uuf wol gayan; loltuun konkolaataa fardaa kuma soddoma, worri fardaa namoota kuma jaha; isaan namoota baay'ee akka xidhacha galaanaa turan; achii ka'anii karaa Beetawweeniitiin gara baya biiftu'uutiin Maakimaasitti quphatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Filisxeemotaa garreettaa fardaan harkifamu kuma soddoma, abbootii fardaa kuma jaa fi loltoota bindillaa ta laakkossi isaanii akka maansa abbaayaa qarqaraa woliin, Israa'eloota loliisaaf wolitti qabamane. Isaan dhaqanee qachaa «Miikmaashi» jedhamu ka Bet-Aween irraa gara aduun baatu jiruu qubatane.