1 Samuel 14:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni worra Israeli guddo beelti laafifte, maro Sauloni worra kakhachise seera kana worrati baaseefi: Nami haga anini nyaapa kiyya haalo baafad'uti guyya kana sagale nyaate ha abaaramuti. Tanaafi nami tokoleeni sagale inyaanne guyya suni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Israa'elii guyyaa san guddisanii beelayanii dadhaban; «Waan haga diina kiyya haluu bawutti haga galgalaa namni waa afaaniin qabe ka abaarame haa ta'u!» jedhee banii kassiisee tureef baniin maruu womaa afaaniin hin qabne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol guyyaa san, «Ani diinota kiyya adoo haluu hin bayin haga galgalaatitti, nami sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti» jedhee kolbaa waan kakachiiseef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte; maarre kolbaa keessaa nami tokkolle sagalee afaaniin hin qanne.