1 Samuel 14:33 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani waan Sauloni jed'ani, Laali, biyyiti ya fooni d'iiga qaba nyaate, AABBO Waaqati ch'ubbamte. Sauloni waan worraani jed'e, Isani yayu kakhu ch'absitani na balleesitani, d'akha gudda toko assi gangalcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kunoo baniin foon dhiiga woliin nyaatanii Rabbiin yakkaniiran jedhanii Saa'olitti himan; Saa'ol, «Guddiftanii yakkitaniirtan, dhagaa guddaa gangalcha'aa as naa fidaa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba jarri takka, «Kunoo, kolbaan foon dhiiguma woliin nyaattee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiisatti jirti» jedhanee Saa'olitti himane. Innille, «Isin seera cassitaneertan; amma dhakaa guddaa gangalcha'aatii as gara kiyya fida'a!» jedhe.