1 Samuel 14:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan jed'e, Beena biyya keesa yaa waan jettaniini, loonifi hooliye teesani armaani koota, qaqala nyaad'a; fooni d'iiga qaba nyaattani AABBO Waaqati inch'ubbamiina. Duuba halkani suni nami ch'ufti looni ufitini d'ufe achiti qaqale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol «Banii keessa deema'aa namni maruu sanga'aa fi hoolaa qala'aatii nyaadhaa'a; dhiiga woliin nyaattanii Rabbiin hin yakkinaa jedha'aanii» jedhe; namni maruu sangaa qabu dhiyeessee achumatti qale.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni, «Kolbaa keessa deddeema'aatii, isaaniin, ‹Tokko tokkoon keessan loonii fi hoolee teessan as gara kiyya fida'aatii, asumatti qaladha'aa nyaadha'a! Garuu foon dhiiguma woliin nyaatiisaan Mootii waan Maraa duratti cubbuu hin hujina'a› jedha'aa itti hima'a» jedhe. Maarre tokko tokkoon isaanii loon ifii fidanee galgaluma san achitti qalatane.