1 Samuel 14:45 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo biyyiti waan Sauloni jette, Yonathani, nama nyaapa keenna dabsate Israeli baase ijeesu malani? Hiyo! Nu maqa Waaqa jirutini kakhanna dua lakisi, aka rifeensi Yonathani tokoleeni lafa imbune. Inni waan arra tolche kana qarqaarsa Waaqatini tolche. Akanaani biyyiti Yonathani lubbu baafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Saa'oliin «Yoonaataa waan guddaa akkanaa kana Israa'eliitiin jiddu'utti godhetu du'aa? kun hin ta'u; inni du'uu dhiisii rifeensi mataa isaatuu akka hin buqqaane maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakannaa wonti inni godhe kun maruu gargaarsa Rabbiin biraa ta'e» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan ammoo Saa'oliin, «Nami baafama guddaa akkanaa Israa'el keessatti fide, Yonaataan ijjeefamuu qabaa ree? Tun hin teetu; inni adha qarqaarsa Waaqaatiin tana waan hujeef, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Rifeensa mataa isaa keessaa tokkolle lafa hin bu'u» jedhane. Maarre kolbaan Yonaataan du'a irraa hamburte.