1 Samuel 15:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sauloni askarti isaa ch'ufa Telemuti wolti baase tohate; askartini Israeli kuma d'ibba lamati, ta Yudaleeni kuma kud'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol banii Gelgela'atti wolitti qabee laakkaye; worri lafo'oo kuma dhibba lama, worri Yihuuda'aa ammo kuma kudhan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Saa'ol addee, «Xilaa'iim» jedhantutti namoota wolitti qabee, isaan keessaa loltoota miilaa kuma dhibba lama, Yihudaa keessalle'ee namoota kuma kudhan laakkowe.