1 Samuel 15:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Saulofi askartini isaa Agagi lubbu baafte, hooliyeefi looni gagabbo dadansa, yabbiyefi ilmoole gagabbo dadansa yokhaani waan dadansa ch'ufa hobaasu didani. Worri waan hamamtu tufatani ka woma keesa injirre ch'alla hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu Saa'ol Agaagii fi sangoota, hoolota, jabbilee, korbeeyyii mimmichuu maraa garaa nyaateenii hin balleessine waan tuffatama'aa fi waan duwwaa bu'aa hin qabne sirima balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'olii fi loltooti isaa ammoo Agaag, loonii fi hoolee dadansaa, jabbi'ii fi buruusota cocooma adoo hin ijjeesin lakkisane. Isaan kana ijjumaa balleessuu hin barbaanne; garuu isaan waan woy hin baane ka tuffatane qofa balleessane.