1 Samuel 16:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan Samuelini jed'e, Atini haga yoomi Saulo boota? Eegi anini aka inni hayyu Israeli tahu dide. Amma tana buuda kanke d'ad'a iti naqi, Bethlehemu mana namicha Yese jed'ani d'aqi. Anini ilma isaa toko yayu fohad'e, aka inni hayyu tahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Saamu'eeliin «Saa'olii ani akka inni mootii hin taaneef tuffadhee haga yoomii bootta? Sayitii buucho'otti guuti; ani ijoollee isaa keessaa nama muudu qabaa gara Beeteel qe'ee worra Isseyii si ergaa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Akka inni Israa'el irratti mootii hin teene, nama ani tuffadhe Saa'oliif haga yoomii bootta? Ani ilmaan Iseyii keessaa nama mootii te'u waan dhaggadheef, gara Iseyii nama biyya Betlihemii waan si erguuf, meya gaafaa keetitti zayitii ejersaa guutii fudhadhuu deemi» jedhe.