1 Samuel 17:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan nama isa bira ejaanjuni jed'e, Nama namicha Filisti kana ijeese ch'eera hama kana gosa Israeli dura baase maani kennanifi? Qarale namichi Filisti kunini ka qabanqaba inqabatini hojja tae askarti Waaqa jiru ch'ompifatu eenu ufi seha?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti worra isa bira jiruun, «Nama nama Filisxeemii kana ajjeese nama waan hamaa worra Israa'elii irraa fageessuu maaltu ta'a? namichi duultota Rabbii jiraata'aa rakkisu fafichi worra Filisxeemii kun eennu?» jedhee isaanitti dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti worra isa bira dhaabbateen, «Nama biyya Filisxeemotaa kana ka ijjeesee, salphinna akkanaa kana Israa'eloota irraa nama balleessuuf maan isaaf godhan? Nami biyya Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabatin kun, loltoota Waaqa jiraata'aatitti dhaadatiisaaf inni eennu?» jedhee gaafate.