1 Samuel 17:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eliabuni, oboleesi Daudi guddaani, isa worra sunini haasau d'ageennaani aka hama dallane waan jed'eeni, Atini maani arma barbaada? Ree diqo taani atini eenuti lakifte lafa aloo keesati? Anini sii beekha, atini ch'ubbicha kiyyiba! qarale atini had'iisuma dawaachuu d'ufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleessi isaa ka hangafaa Eeliyaab uduu Daawiti namoota woliin dubbata'aaru dhagayee Daawititti aaree, «Maaf as dhufte? hoolota hagoo lafa udumee keessatti eennutti dhiiftee garana as dhufte? ani uf jajuu keetii fi hammeenna onnee keetii hin beeka; ati woraana kana laalu'uuf dhufte!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessi isaa angafichi Eliiyaab, Daawiti namoota woliin dubbatuun isa dhage'ee, aaree bobe'ee, «Maaf as dhutte? Hoolota diqqoo san goomolee keessatti eennu biratti lakkitte? Ati sababa koora keetiitii fi hammeenna gadhaa keetiitiif, lola ilaaliisaaf akka ati dhutte ani hin beeka» jedhe.