1 Samuel 17:32 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan Sauloni jed'e, Aabbo, nami tokoleeni namicha Filisti kana sodaachu himmalle. Nati deeme had'e balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti Saa'oliin «Waan isaatiif ennullee hin sodaatin; ani garbichi kee dhaqee namicha Filisxeemii saniin lola» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawitille Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti dhaqee isa waan loluuf sababa Filisxeemicha kanaatiin gadhaan nama tokkolle hin raafamin» jedhe.