1 Samuel 17:49 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni harka ukha keesa keeyate d'akha toko gafuud'e gulluba keesa kaye Goliathini had'e adda d'ae boroose. Jennaani Goliathini lafa d'ae, fuulani lafati gombifame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti harka ufii korojoo keessa kaayee dhagaa takka keessaa fudhatee furaanfurrisa keessa kaayee darbatee kallachaan itti galche; dhagaan kallacha keessa seene innillee kallachaan kufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti subba ifii keessa harka keyee, dhakaa fuudhee, looyya'aan qolaansee, adda Filisxeemichaa dhowe; dhakaan sun adda isaa keessa lixee seenee, innille gad gombifamee addaan lafa dhowe.