1 Samuel 18:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudifi worri isaa yae nama d'ibba lama ka gosa Filisti fit'e missa worra ka murate kaani ch'ufa fuud'e hayyu duraani d'ufe aka akasiini sodda hayyu tahu, jennaani Sauloni intala isaa Mikali Daudii kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawitii fi loltoonni isaa ka'anii lolaaf deemanii worra Filisxeemii keessaa nama dhibbaa ajjeesanii misa nama dhibbaa laakkayee itti kenne; kanaafuu Saa'ol mucattii ufii Milkooliin Daawititti heerumsiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawitii fi namooti isa woliin jiranu dhaqanee Filisxeemota dhibba lama ijjeesane; Daawiti soddaa mootichaa te'iisaaf gogaa haqanqabaa qabee san akka laakkossa isaaniititti mootichaaf dhikeesse; achiin duuba Saa'ol intala ifii Mikaal Daawitiif kenne.