1 Samuel 19:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jennaani inni nama isa qabu iti erge. Worri raagoota ta lalabde sirbuti jirtu ka Samuelini gudda worra arge. Jennaani lubbuuni AABBO Waaqa jara Saulo ira buute worrileeni lalabe sirbe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Saa'ol namoota Daawitiin qaban erge; isaan hennaa achi gayan raattonni wol gayanii Saamu'eel bulchaan isaanii hennaa dhaabatu argan; Hafuurri Rabbii isaanitti dhufee isaanillee raaga dubbachuu jalqaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre inni Daawiti akka qabanuuf namoota erge; te'uu malee isaan korri raagotaa tokko raaga dubbatanuun, Saamu'el isaan qajeelchuun yennaa dhaggane, Ayyaanni Waaqaa namoota Saa'ol erge san irratti bu'ee, isaanille raaga dubbatane.